Oduu Ammee‼️ Abbaan alangaa waliigalaa federaalaa Ameerkaa murtee Pireezidaantii Donald Trump dabarsee ture adeessa seeraa hordofuun kufaa godhuun dhagahamee jira. Pireezidaantii Donald Trump Yeroo dabre Voice Of America VOA akka cufamtu ajaja dabarsuun VOA cufamee ture. Har'a abbaan alangaa waliigalaa federaalaa Ameerkaa adeessa seeraa hordofuun murtee Pireezidaantii Donald Trump dabarse ture kufaa godhuun Har'a irraa eegalee VOA akka waajjirri isaanii baname qileensa irratti deebi'an murteessuun ajaja dabarsee jira. VOA Afaan Oromoos Yeroo miidiyaan hin jirre keessatti ummata Oromoo sagalee ta'uu keessatti qooda guddaa qabdu ture. Ammas baga haqa argattanii gara hojii keessan idileetti deebitan. Biyya seera qabdu jachuun akkana. Ajaja pireezidaantiin dabarse seerri kufaa godha!! Biyya seerri kabajamu kan namni hundi seera gadii jachuun kanaadha...!! Murtee akkasii gaafa dhageessu waa'ee Itoophiyaa maal yaadatta...? Warri VOA baga irra aantan!! Congratulations 🎊 👏