Sheyk Ahmad Wotar Eenyu? Seenaa isaanii xiqqoo irraa faldhaanaan yoo tuqamu. Gara fuudluraatti guutuu seenaa isaanii kan cuunfinee isin biraan geenyu ta'a. Maqaan isaanii Sheikh Ahmad Usmaan Muhammad (Sheikh Ahmed Watar /Bukhaarii Zamanaa) jechuun beekamu. Aalima, Muhaddisa, Mudarrisaa fi muftii biyya keenyaati. Sheikh Ahmed Watar erga xaaliyaaniin biyya keenya seentee waggaa sadii geessee booda bara 1936 A.l.f tti Baha Oromiyaa naannoo watar jedhamtutti dhalatan. Sheyk Ahmed Watar akkuma aadaa ulamaa'ii biyya keenyaatti daa'imummaa isaanitiin barnoota islamaa(ilmii) barbaaduu eegalan. Bonaa fi ganna keessa baadiyyaa fi magaalaa keessa baddaa fi gammojjii keessa barbaacha ilmiitiif sheeka tokkorraa gara sheeka biraatti otuu darbanuu rakkina hedduu argani. Mudannoo ajaa'ibaa mudatan. yeroo sanatti wanti ibsatan isaan bira waan hin jirreef guyyaa qoraan barbaaddatanii halkan bobeeffatan. Waan nyaatanis hin qaban turan. Kitaaba bitachuun haa hafuu argachuun jabduu turte. Isaaniis kitaaba tokkorratti nama hedduun barataa turan. Eega yeroo dheertuu barbaacha ilmii keessatti dabarsanii booda, ilmii isaanii haala gaariin xumuranii, godina Harargee bahaa Aanaa Qarsaa keessatti majliisa (Caayaa diin islaamaa) ijaaruun barsiisuu eegalan. Kitaabota islaamaa (Dipartment) isaan hin barsiisne hin jirtu. yeroo fiqhii barsiisanu namni fiqhii beeku kan isaan gahu hin jiru. yeroo fannii Nahwii(Seerluga/graamara Afaan arabaa) barsiisanu namni Afaan Arabaa uume isaani jetta. yeroo hadiisa dubbatanu muhaddisa beekamaa imaamu Al-Bukhaarii fakkaattu. Walumaa galatti sheekkonni Sheikh Ahmed Watar beekan hundi ilmii isaanii ajaa'ibuun maqaa Bukhaarii Zamanaa jedhu isaaniif moggaasan. Rabbiin umrii isaanii nuuf haa dheereessu Jazaa(Galata) isaanii jannatul firdoowsi haa godhu.❤ Sheikh Ahmed Watar manguddoo yeroo ammaa umriin isaanii waggaa 88 olitti. #Hamiltan_Hamilee_Ummataa