Oduu
Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (International Monetary Fund/ #IMF) gabaasa guddina diingadee biyyoota addunyaa bara darbee fi tilmaama guddina diinagdee bara 2025 fi 2026 ifoomseera.
Gabaasni IMF akka ibsutti Itoophiyaan bara 2024 guddina diinagdee dhibbeentaa 8.1 (8.1%) akka galmeessifte ibseera.
Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa tilmaama guddina diinagdee biyyoota addunyaa bara amma keessa jirruufi bara dhufuus ifoomseera. Haaluma kanaan Itoophiyaan bara keessa jirru 2025 guddina diinagdee dhibbeentaa 6.6 (6.6%) akka galmeessitu ibseera. Bara 2026 immoo diinagdeen Itoophiyaa dhibbeentaa 7.1 (7.1%)'n akka guddatu ifa godheera.
Qormaata hedduudhaan qoramaa guddina hangana gahu galmeessisuun milkii guddaadha. Milkaa'inni guddina diinagdee kun lammiilee biyyattii hunda bira akka qaqqabu xiyyeeffannoo itti kennuudhaan, baay'ina lammiilee hiyyeessaa hir'isuurratti hojjechuun kallattii tarsiimoo diinagdee biyyattii ta'uu qaba.
(Reference:
https://www.imf.org/en/Publications/REO/SSA/Issues/2025/04/25/regional-economic-outlook-for-sub-saharan-africa-april-2025#)
0 Comments